Ministeerri Barnootaa sirni odeeffannoo barnootaa dijitaalaa Dhaabbilee barnoota olaanoo qophaa’ee hojiitti galchuu beeksiseera

232

Amajji, 16/2015(TOI) - Ministeerri Barnootaa sirni odeeffannoo barnootaa dijitaalaa dhaabbilee barnoota olaanoo qopheessee hojiitti galchuu beeksise.

Sirni odeeffannoo barnootaa dijitaalaa walitti qabuu fi hoggansa ragaa dhaabbilee barnoota olaanoo ammayyeessuuf kan gargaaru ta’uus eerameera.

Ministeerri Barnootaa itti fayyadama sirna odeeffannoo barnootaa dijitaalaa ilaalchisee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariyateera.

Ministeera Barnootaatti Daarektarri Olaanaa Sirna Bulchiinsa Odeeffannoo Barnootaafi ICT Obbo Sabsibee Lammaa akka himanittii, sirni dijitaalaa odeeffannoo qulqullina qabu, amanamaa fi wayita ta’e haala walsimaa ta’een walitti qabuu, qindeessuu fi xiinxaluuf kan dandeesisudha.

Sirni dijitaalaa rakkoolee kanaan dura dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti daataa walitti qabuu, xiinxaluufi qindeesurraatti turan kan hiiku ta’uu ibsaniiru.

Sirni dijitaalaa kun odeeffannoo dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaafi dhuunfaa biyyattii hunda kuusaa odeeffannoo tokko keessatti qindeessuun akka kaayyoo barbaadamuuf akka oolu kan taasisuufi itti fayyadamuuf salphaa kan ta'edha jedhaniiru.

Itti fayyadamaafi bulchiinsa sirna dijitaalaa haaraa kanarratti Dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaafi mootummaa dhimmi ilaallatuuf leenjiin ijaarsa dandeettii akka kennames ibsaniiru.

Marii kanarratti dhaabbilee bornoota olaanoo mootummarraa hundaarraa kanneen dhimmi ilaallatu hirmaachuu isaanii ragaan miidiyaa hawaasaa Minsteera Barnootaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015