Koollejjiin Waraanaa Raayyaa Ittisaa haalotaa idil addunyaa umamaan keessaatti hoggasa ergama dhaabbatummaa bahan horachaa jira.

85

Amajji, 16/2015(TOI) - Koollejjiin Waraanaa Raayyaa Ittisaa haalotaa idil addunyaa yeroo gara yerootti jijjiramu keessaatti keessaatti hoggasa ergama dhaabbatummaa bahachuu kan dana'an hoggasa raayyaa Ittisaa horachaa jiraachuu Letenaal Jeneraal Yimar Mokonniin himan.

Koollejjiin Waraanaa Raayyaa Ittisaa ''Haala Waqtaawaa dhimmoota siyaasaa fi nageenyaa naannawaa fi Idil Addunyaa'' mata duree jedhuun marii Paanaalii qopheeseera.

Marii paanaalii kana haasaan kan banaan bakkabu'aan Itaamajoor Shuumii waliigalaa raayyaa ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaa Letenaal Jeneraal Yimar Mokonniin akka jedhanitti mariin kun kan qophaa'eef haala Waqtaawaa dhimmoota siyaasaa fi nageenyaa naannawaa fi Idil Addunyaa qorannoo fi qo’annoon hubachuuf yaalii taasiifamu tumsuufi carraawwan gaarii jiran hubachuufi.

Haala Waqtaawaa dhimmoota siyaasaa fi nageenyaa naannawaa fi Idil Addunyaa qorannoo fi qo’annoon hubachuuf yaalii taasiifamu tumsuun murteessaa ta’uu Itti Gaafatamaan Koollejjii Waraanaa Raayyaa Ittisaa Birgaadeer Jeneraal Bultee Taaddasaan ibsaniiru.

Nageenya biyyaa waaraan eeguuf Itti gaafatamummaa dhaabbatummaa ba’uuf marii qophaa’e ta’uu kaasaniiru.

Maricharratti Imaammannii fi Tarsiimoon Ijibtii fi Naayil, Sodaalee fi qormaatileen ololli Siyaasa Gaanfa Afrikaa, walitti Bu’iinsi Yuukreenii fi Raashiyaa dhiibbaa Itoophiyaarratti fiduu danda’an ilaalchisee barreeffamni qorannoo 3 dhiyaachuu ibsameera.

Marii Koollejjiin Waraanaa Raayyaa Ittisaan Qophaa’e kanarratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Qondaaltoonni Waraanaa, Dippiloomaatoonni, Ogeeyyiin nageenyaa fi Tikaa, akkasumas keessummoonni waamichi taasiifameef argamuu ibsameera..

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015