Obbo Ahimad Shiideen Ministira Tumsa Diinagdee Deenimaark waliin mari’atan

65

Amajjii 15/2015(TOI)- Ministirri Maallaqaa FDRI Obbo Ahimad Shiideen Ministira Tumsa Diinagdeefi qabeenya qilleensaa Idil Addunyaa Deenimaark Daan Jaargasan waliin mari’ataniiru.

Obbo Ahimad Shiideen Daan Jaargasan waliin tumsa diinagdee biyyoota lameeniifi dhimmoota yeroorratti mari’achuu ibsameera.

Maricharratti Obbo Ahimad Shiideen, waliigaltee nageenyaan booda sochiilee misoomaa hundagaleessa biyyattii keessatti hojjetamaa jiran, hojiilee deebisanii dhaabuufi fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaarratti ibsa laachuu eerameera.

Deenimaark deeggartuu misooma waaraa Itoophiyaa ta’uu kaasuun, deeggarsa misoomaafi namoomaa Itoophiyaaf taasistu cimsitee akka itti fuftu amantaa qaban ibsaniiru.

Daan Jaargasan gamasaaniin, waliigalteen mallatteeffame diinagdeefi hawaasummaa biyyattiirratti dhiibbaa gaarii kan uumu ta’uu eeruun, Deenimaark deeggarsa Itoophiyaaf taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Abbootiin qabeenyaa Deenimaark Itoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015