Meeshaaleen kontirobaandii birrii miliyoona 218tti tilmaamamu baasan to’ataman

87

Amajji, 15/2015(TOI) - Meeshaaleen kontirobaandii qarshii miiliyoona 218’tti tilmaamu to’atamuu Komishiniin Gumurukaa Itoophiyaa beeksise.

Komishinichi Amajjii 5-11/2015’tti hordoffii taasiseen meeshaalee alaa galan qarshii miliyoona 142 .6, meeshaalee ergii qarshii miliyoona 75.4 walumaagalatti meeshaalee kontirobaandii qarshii miliyoona 218 waajjiraalee damee komishinichaa garagaraatti to’achuu beeksiseera.

Meeshaaleen to’atamaniis, huccuuwwan, boba’aa, beeyladoota, meeshaalee elektrooniksii, buna, qorichaa, konkolattootaa, meeshaalee miidhaginaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, balaa sammuu hadoochu, zayita nyaataafi maallaaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Meeshaaleen to’atamanis qindoomina hojjettoota koomishinichaa, poolisii federaalaa, miseensota poolisii naannoleefi hawaasaan yoo ta’u, namoonni dhuunfaa meeshalee kontirobaandii kana daddabarsaa turanii fi konkolaattonni 8 to’annoo jala oolfamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015