Dorgommiifi Feestivaalli Ispoortii Aadaa Afrikaa Bahaa Itoophiyaatti gaggeeffamuuf jira.

232

Amajji,15/2015 Dorgommiifi Feestivaalli Ispoortii Aadaa Afrikaa Bahaa Itoophiyaatti akka gaggeeffamu Ministeerri Aadaafi Ispoortii beeksise.

Dorgommiin Ispoortii aadaa 20ffaafi Feestivaalli ispoortii 16ffaa naannoo Kibbaa guyyaa har'aa magaalaa Dillaatti eegalameera.

Deetaan ministira Aadaafi Ispoortii amabaasaaddar Masfin Charinnaat akka jedhanitti, ispoortiin aadaafi feestivaaloonni Ispoortii maqaa gaarii biyyaa ijaaruufi walitti dhufeenya ummataa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Haa ta’u malee, damicha misoomsuun guddina biyyaaf itti fayyadamuurratti hinqinoota hedduuti jira jedhaniiru.

Itoophiyaan Ispoortii aadaa qabdu ispoortii aadaa biyyoota ollaa waliin wal bira qabuun qabeenya ishee misoomsuufi itti fayyadamuuf hojjechaa jirti jedhaniiru.

Dorgommiifi feestivaalli Ispoortii aadaa Afrikaa Bahaa naannicha walitti hidhuu danda'u ''yeroo jalqabaaf'' Itoophiyaatti geggeeffamuuf akka jiru ambaasaaddar Masfin Charinnat eeraniiru.

Kanaafis hojiin qophiifi biyyoota hirmaatan adda baasuu hojjetamaa kan jiru ta'uus himaniiru.

Gama biraatiin naannoon kibbaa naannoo Ispoortii aadaatiin badhaadhe ta’uu Ambaasaaddar Masfin himaniiru.Hogganaan biiroo Barnootaa Naannoo Kibbaa Dooktar Deelamoo Otooree, sochii ispoortii kana misoomsuuf, keessumattuu damee aadaa guddisuu mootummaan naannichaa akka deeggaru mirkaneessaniiru.

Hirmaattonni dorgommii kanaas dandeettii ispoortii irratti hundaa’uun dorgomuu akka qaban himaniiru.

Dorgommiifi feestivaalli ispoortii aadaa naannoo Kibbaa kun guyyoota 9'f walitti aansuun gaggeeffamu yoo ta'u dorgommiifi Feestivaala kanarratto godinalee fi aanaalee naannichaarraa atileetotaafi bakka bu’oonni biroon 1,200 ol akka hirmaatan ibsamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015