Oromiyaatti hojiin misooma sululaa guyyoota 60'f turu guyyaa har'aa ifatti eegalamee jira.

481

Amajji, 15/2015(TOI) - Naannoo Oromiyaatti hojiin misooma sululaa bara kanaa godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaatti bakka Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa doktar Biqilaa Hurrisaa argamanitti jalqabameera.

Doktar Biqilaa Hurrisaa sirna kanarratti akka himanitti, hojiiwwan misooma sululaa waggoota darban hojjetamaniin oomishaa fi oomishitummaa Qonnaa dabalatee jijjiramoota gaariin hedduun irraa argameera.

Keessaayyuu hojiin kununsaa bishaaniifi biyyoo sagantaa ashaaraa magariisaa deeggaruun lafti bosonnii irraa dhumee ture akka bayyanaty akkasumas maddeen laggeenii goganii turan akka deebi'anii maddaan taasisuun danda'amuu himaniiru.

Kanaanis hangi bishaan naannichaa kan lafa jalaafi lafa irraa dabaluu himanii, hojiin kun hojii aadaa hojii qonnaan bultootaa jijjire ta'uus himaniiru.

''Sululli laga Awaashiifi Lagni Awaash afuuraa Itoophiyaatti'' kan jedhan doktar Biqilaan hojiin kununsa qabeenyaa umamaa jiddugaleessa Oromiyaatti hojjetame hangi bishaan laga Awaash akka dabaluu taasisuun bira darbee hojii misooma jallisii Qamdiifi misooma jallisii biroof bishaan gahaan akka argamu taasisaa jira jedhaniiru.

Kanaaf hawaasni hojii kunusaa biyyeefi bishaanii jalqabe sagantaa ashaaraa magariisaa waliin qindeessuun cimsee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015