Naannoo Oromiyaatti hojiin misooma sululaa guyyoota 60'f turu guyyaa har'aa ifatti eegalamee jira

556

Amajji, 15/2015(TOI) - Mootummaan yeroo ammaa rakkoo jijjiirama qilleensaafi hanqina roobaan walqabatee mul'atu bu'uura irraa furuuf hojii kunuunsa qabeenya uumamaafi misooma sululaa irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Kanaanis bu'aawwan qabatamaa ta'an galmauun laggeenifi haroowwan goganii turan deebi'anii burquu jalqabaniiru.

Biqiloota dhaabamaa jiraniinis haalli uwwisa bosona naannoo keenyaa dabalee jira. Kunis akka biyyi keenya sadarkaa addunyaatti beekamtii argattuuf gumaachee jira.

Hojii hojjetamaa jiru itti fufsiisuun bu'aa caalu argamsiisuuf bara kana duulli hojii misooma sululaa eegumsa biyyeefi bishaanii irratti guyyoota 60f kutaa hawaasaa hunda karaa hirmaachisuun Bona kana hojjetamu akka Oromiyaatti akka hojjetamu waamichi Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan kan taasifame yoo ta'u waamicha kana hordofuunis guyyaa har'aa eegalameera.

Naannichatti hojiin eegumsa biyyeefi bishaanii lafa heektaara 3,224,000 irratti sululonni 6,448n kan misooman yo ta'u daagaa ooyiruu kiilomeetira 968,513, daagaa gaaraa kiilomeetira 113,911, daagaa gaaraa M3 808,473fi Hallayyaa hidhuu mukaan lakk. 1,549,935 taan ni hojjetamu. Kana malees, Istiraakcharoota bishaan yaasaan M3 3,008,993, Istiraakcharoota jiidhinsa qusatan lakk. 11,156,140 fi lafa tuttuqqaa irraa dhorkuu hektaara 444, 978 turtii guyyoota 60 kana keessatti kan hojjetamanii dha. Hojii kana irrattis namootni miliiyona 9.7 kan hirmaatan ta'uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaarraa argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015