Kabajni Ayyaana Cuuphaa karaa nagaan xumurame

172

Amajjii 12/2015 (TOI) – Kabajni Ayyaana Cuuphaa bara kanaa karaa nagaan xumuramuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksiise.

Naannoo Oromiyaatti Kabajni Ayyaana Cuuphaa bara kanaa rakkoo tokko malee karaa nagaan xumuramuu komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaan ibsaniiru.

Duudhaan wal kabajuu fi wal deeggaruu amantiilee garagaraa biratti mul’ate gara fuula duraattis hordoftoota amantaalee hunda biratti fakkeenyummaadhaan babal’achuu akka qabu dhaamaniiru.

Kabajni Ayyaana Cuuphaa bara kanaa haala miidhaginaafi duudhaa wal kabajuu ibsuun karaa nagaatiin kabajamee akka xumuramuuf caasaalee nageenyaa naannoo Oromiyaa, Federaalaa, Dargaggoota, Abbootii Amantaa, Hordoftoota amantichaa fi hawaasaa gumaacha olaanaa taasisaan hunda galateeffachuun FBC gabaaseera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015