Magaaaa Finfinneetti foyya'insi taarifaa geejibaa taasifame

98

Amajji, 12/2015(TOI) - Magaaaa Finfinneetti geejibarrattis foyya'insi taasifamu Biiroon Geejiba Finfinnee beeksisera

Fooyya’iinsi taarifaa kun sirreeffama gatii gurgurtaa boba’aa qinxaaboo baatii Amajjii kana taaasifamerratti hundaa’uun kan taasifamedha jedhameera.

Haaluma kanaan konkolaattota Minibaasiin Taaskii, fageenya imala kiiloo meetira tokko hanga kiilomeetira 2.55 ta’u, kaffaltii amma jiru birrii 3fi saantima 50 irraa gara Birrii 4tti fooyya'eera.

Kiilomeetira 2.6 hanga 5tti birrii 6fi saantima 50 kan ture haala taarifama fooyya'een gara birrii 7 ta'eera.

Kana malees kiiloo meetira 5.1 hanga 7.5 kan birrii 10 ture akkuma jirutti birrii 10 ta'ee akka itti fufu murtaa'eera.

Foyya'insi taarifaa kun bor Amajji 13/ 2015 irraa eegalee hojiirra oola jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015