Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad muudama adda addaa kennan. - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad muudama adda addaa kennan.

Amajji, 11/2015(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad buuura heera mootummaa Keeyyaata 74(2)'n Mana maree bakka bu'oota uummataatti kanneen dhimmi ilaallatu muudama kenname kana akka mirkaneessan gaafatan
Haaluma kanaan,
- Doktar Alamuu Simee- Ministira Geejibaafi Loojistiksii
- Injiinar Habtaamuu Tagany-Ministira Albuudaa
- Doktar Girmaa Amantee- Ministira Qonnaa
Akkasumas:
- Obbo Maammoo Mihiratuu-Bulchaa Baankii Biyyaalessaa
- Aadde Aamtsahaay Phaawuloos- Ittigaafatamtuu Waajjira Ministira Muummeefi Ministira Dhimmoota Kaabinee
- Diyaaqon Daani’eel Kibrat-Ministira Gorsaa Damee Hawaasummaa Ministira Muummee
- Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee- Ministira Gorsaa Imaammata Alaa Ministira Muummee
- Obbo Mallas Alamuu- Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Damee Ijaarsa Sirna Dimokraasii