Duudhawwan amantaafi Aadaa Itoophiyaan qabdu addunyaatti beeksisuuf imaana guddat nurra jira.

86

Amajji, 11/2015(TOI) - Miseensonni hawaasa diyaaspooraa Itoophiyaa TOI waliin turtii taasisan duudhaawwan amantii fi aadaa baay'ee Itoophiyaan qabdu addunyaatti beeksisuuf imaanaafi dirqama guddatu nurra jira jedhan.

Ayyaanni cuuphaa magaalaa Finfinnee Jahaamedaatti sirnoota amataa adda addaan karaa duudhaafi safuu isaa eeggateen bifa o'aan kabajamaa jira.

Ayyaana kana irratti tursitoonni lammiilee biyyoota adda addaa, Itoophiyaanonniifi diyaaspooraan Itoophiyaa argamaniiru.

Namoota kaaja ayyaana Cuuphaa Jahaanmeedatti geggeeffamaa jirurratti argaman keessaa Taphataan kubbaa miillaa biyyaalessaa duraanii kan waggoota dheeraaf Faransaay Paaris jiraachaa ture Girmaa Saaree isa tokkodha.

Finfinnee Jahaanmeedaatti ijoollummaa isaatii jalqabee ayyaana kana ayyaneffachaa turuu himanii waggoota dheeraan booda bakka kanatti deebi'ee ayyaanicha kabajachuu isaatti gammaduu himaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan, ayyaanota amantaa fi ummataa adda addaa ummata isaanii waliin dabarsuun gammachuu argachuun bira darbee odeeffannoo ayyaanota kanaa ibsuufi biyya isaanii beeksisuuf carraa gaarii ta’uu himaniiru.

Kanaaf isa dabalatee diyaaspooraawwan kutaa addunyaa kamittuu jiraatan dudhaawwan lamantaafi aadaa baay'ee Itoophiyaan qabdu addunyaatti beeksisuuf ciminaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

Qabeenyaa fi hambaalee hedduu kan qabdu Itoophiyaan turistoota addunyaa waan hawwattuuf hundi keenya xiyyeeffannoon beeksisuu qabna jedhaniiru.

Keessumaa hawaasni diyaaspooraa itti gaafatamummaafi dirqama guddaa qabna jedhaniiru.

Waggoota 16 Afrikaa Kibbaa keessa erga turanii booda gara Itoophiyaa kan dhufan Obbo Yohaannis Amantee, waggoota dheeraan booda Jahaanmedaatti argamuun ayyaanicha kabajuu kootti gammachuu guddaatu natti dhagahame jedhan.

Lammileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan amantaafi duudhaa isaanii bal’inaan beeksisuun daawwattoota hawwachuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015