Oromiyaatti namoonni 341 malaammaltummaan shakkamanii dhimmi isaanii qoratamaa jira jedhame

130

Amajji, 10/2015(TOI) - Koreen farra malaammaltummaa naannoo Oromiyaa erga hundeeffamee as hojii hojjeteen namoonni 341 malaammaltummaan shakkamanii dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu beeksise.

Abbaan alangaa waliigalaa naannichaa fi komishiniin farra malaammaltummaa naannichaa sochii koreen kun erga hundeeffamee jalqabee hojjecaa ture ilaalchisuun ibsa waliin kennaniiru.

Miseensi koree kanaa fi abbaan alangaa waliigalaa naannichaa Guyoo Waariyoo erga koreen kun hundeeffamee kaasee eeruuwwan 61 korichaaf dhiyaachuu himaniiru.

Kana keessaas eeruwwan 30'n qoratamaa akka jiran ibsaniiru.

Korichi galmee 106 irratti qorannoo taasisaa kan jiru yoo ta'u kana keessa galmee 46 irratti ragaan himata banuuf dandeesisu argamuu beeksisaniiru. Galmeewwan kana jalatti dhimmi namoota 79 seeran ilaalama jiraachuus himaniiru

Waliigalaan erga koreen farra malaammaltummaa hundeeffamee as namoonni 341 malaammaltummaan shakkamanii dhimmi isaanii qoratamaa jira jedhaniiru.

Kana malees manneen jireenyaa dhuunfaa 29, manneen gandaa 7 fi manni daldalaa tokko dhorkiin irra kaa'ameera jedhan.

Qabeenya mootummaa fi ummataa karaa seeraan alaa saamames deebisuuf hojii hojjetameen lafti magaalaa kaaree meetira kuma 82 ol malaammaltummaadhaan fudhatameera jedhamee shakkamurratti dhorkiin seeraa taasifamuu himmiiru.

Lafa baadiyyaa heektaara 13 irras dhorkiin kaa'amee qoratamaa jiraachuu himanii . Magaalaatti Lafti kaaree meetirri kuma 161 gara kaznaa mootummaatti deebi’uu himaniiru.

Maddoonni hannaa fi malaammaltummaa ta'aa kan jiru irra caalaan bulchiinsafi dabarsa lafaa, bittaa mootummaafi sanadoota seeraan alaa ta’uu eraniiru.

Miseensi koree kanaa kan biraafi fi komishinarri Komishinii Farra Malaanmaltummaa naannichaa obbo Abdallaa Ogetee akka jedhanitti; Ummanni eeruu fooyya'aa dhiyeessaa jira jedhan.

Hawaasni eeruu kunnu kana kennuu akka itti fufu gaafataniiru.

Eeruu yeroo kennan odeeffannoo dhugaa fi sirrii ta’e irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabus dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015