Magaalaa Shireetti hordoftoonni Amantaa Islaamaafi Kiristaanaa waliin ta'uun bakka ayyaanni Cuuphaa itti kabajamu qulqulleessan.

77

Amajji, 10/2015(TOI) - Magaalaa Shireetti hordoftoonni Amantaa Islaamaafi Kiristaanaa waliin ta'uun bakka ayyaanni Cuuphaa itti kabajamu qulqulleessan.

Waliigaltee nageenyaa taasifame hordofuun jiraattoonni magalichaa nagaafi tokkummaan ayyaana Cuuphaa bara kanaa kabajuuf qophiirra jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan hordoftoonni amantaa Islaamaafi Kiristaanaa waliin ta'uun bakka ayyaanni Cuuphaa itti kabajamu qulqulleesuu isaanii himaniiru.

Hordoftoonni amantaa Islaamaa hodofan kan sagantaa bakka ayyaanichi itti kabajamu qulqulleessuurratti argaman akka himanitti obboloota isaanii hodoftoota amantaa Kiristaanaaf kabajaa qaban muli'isuuf saganticharratti hirmaachuu himaniiru.

Poolisii Federaalaatti qindeessaan naannoo Tigiraay Itti aanaa Komishinar Habtaamuu Kaasaa turtii TOI waliin taasisaniin magaalichatti ayyaanni cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf qophii gahaan taasisfamee qaamoleen nageenya bobbafamuu himaniiru.

Ayyaanni cuuphaa sirna amantaatiin alattis ayyaana tokkummaa ummataa cimsuu fi walitti hidhamiinsa ummataa cimsu jedhamuun beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015