Ayyaanni cuuphaa karaa nagaa akka kabajamuuf Humni nageenyaafi Tasgabbii waloo abbootii amantaa Mana amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa waliin mariyachaa jira.

103

Amajji, 9/2015(TOI) - Humni nageenyafi Tasgabbii Waloo ayyaana Cuuphaa karaa nagaafi tasgabbii akkataa kabajuun danda'amurratti abbootii amantaa mana amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa waliin mariyachaa jira.

Kaayyoon marii kanaas abbootiin amantaa mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa humna waloo nageenyaa fi tasgabbii waliin ta’uun ayyaanni kun karaa nagaafi tasgabbii qabuun akka qabajamu gahee isaanii akka bahaniif jedhameera.

Marii kanarratti ayyaanni Kataraafi Cuuphaa karaa nagaa akka bajamau humni waloo nageenyaafi tasgabbii qophii gahaa taasisuun himameera.

Komishinarri Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa'eel waltajjii kanarratti akka himanitti Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Ayyaanni amantaa fi ummataa karaa nagaa akka kabajamuuf kanaan dura hojii milkaa'a hojjechaa turuu himaniiru.

Ayyaanni kataraa fi cuuphaa bara kanaa sadarkaa biyyaatti karaa nagaa akka kabajamuuf xiyyeeffannaan addaa kennameera jedhan.

Humni Waloo nageenyaafi Tasgabbii sadarkaa biyyaatti ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf humnoota nageenyaa hedduubobbaaseera jedhaniiru.

Bakkeewwan ayyaanni kun itti kabajamutti hordoffiifi to’annoo cimaan akka raawwatamus beeksisaniiru.

Akkasumas diinonni keenya keessaafi alaa nagaa biyya keenyaa booressuu barbaadan carraa uummannii itti walitti qabamu kana fayyadamuun nagaa booressuu waan danda’aniif Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii of eeggannoo barbaachisaa ta’e taasisuun gara hojiitti galeera jedhaniiru.

Haaluma kanaan Poolisiin sakatta’iinsaa kanaan dura taasiseen meeshaalee waraanaa seeraan alaa hedduu to’annaa jala oolchuu isaa eeraniiru.

Komishineer Jeneraal Dammallaash Gabaramikaa'el akka himanitti Poolisiin yeroo hunda ummata waliin walitti dhiyeenyaan kan hojechaa jiru ta'uu himanii, ayyaanni Kataraafi Cuuphaa bara kanaa nagaan akka kabajamuuf abbootii amantaafi qooda fudhattoota biroo waliin hojiin dursee eegalameera jedhaniiru.Waltajjiin marii kunis qaama hojii kanaa ta’uu eeraniiru.

Kanaaf, abbootiin amantaa, miseensota dhaabbilee nageenyaa waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.Abbootiin amantaa mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gama isaaniitiin ayyaanichi karaa nagaa kabajamuu akka danda’uuf kutaalee hawaasaa adda addaa waliin mari’achuun ejjennoo waloo akka qaban ibsaniiru.

Ayyaanni uuphaan ayyaana amantiifi nagaa waan ta'eef hordoftoonni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ayyaanichi karaa nagaa kabajuuf itti gaafatamummaa fudhatanii gahee isaanii akka bahatan dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015