''Har'a mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abu Daabiitti ijaaramaa jiru daawwadheera.

136

''Har'a mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abu Daabiitti ijaaramaa jiru daawwadheera.

Gamtaan Immiretoota Arabaa lafa iskuweer meetira kuma17 fi 682 nuuf kenneera. Kanaafis maqaa ummataa fi mootummaa Itoophiyaatiin isaanin galateeffadha. Manni amataa kun yeroof kan tajaajilu xumurameera.

Qondaaltoonni dhimmi ilaallatu bakka kanatti ayyaanni cuuphaa akka kabajamuu waan danda'amu hundaa akka godhan waadaa nuuf galaniiru.

Bakkeewwan akkanaa kun wiirtuu seenaa fi dippilomaasii keenyaati. Gaafa isaan kana nuuf godhan nun immoo uummata keenyaaf waan kana caalu akka hojjennu barumsa nuuf ta'a.''

- Ministira Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015