Ayyaanni Cuuphaa ayyaana amantaa ta'uu isaan cinaatti tokkummaa uummatoota kan cimsudha

105

Amajji,9/2015(TOI) - Ayyaanni Cuuphaa ayyaana amantaa ta'uu isaan cinaatti tokkummaafi walitti dhufeenya uummatoota ayyaana cimsu ta'uu Ministirri Aadaafi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa himan.

Ministirichi ayyaana Cuuphaa ilaalchisuun ibsa kan kennan yoo ta'u ergaa baga geessaniis dhaamaniiru.

Ibsa isaaninis ayyaanni Cuuphaa ayyaana amantaa ta'uun cinaatti tokkummaafi walitti dhufeenya hawaasaa kan cimsudha jedhan.

Ayyaanichi aadaa hedduu kan of keessatti hammate waan ta'eef aadaa gaariifi walitti dhufeenya uummatoota cimsuu keessatti gahee olaanaa qabu kana misoomsuufi itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Ayyaanni cuuphha ayyaana turistoonni biyya alaa hedduun daawwachuuf dhufan waan ta'eef Itoophiyaan damee kanarraa bu'aa akka argattuufis ni gargaara jedhaniiru.

Ayyaanni kun yeroo ammaa Itoophiyaa qofaatti osoo hin taane hambaa kilayaa addunyaa ta'ee waan galmaa'eef kununsuufi eeguun barbaachisaadha jedhaniiru.

Wajjirri Ministeerichaas ayyaanonni uummataa duudhaa aadaa isaanii eeganii akka kabajamaniifi akka misoomanii ni hojjeta jedhaniiru.

Deetan Ministira Aadaafi Ispoortii aadde Warqinesh Birruu gama isaaniin hordoftoota amataa Kiristaana maraan baga ayyaana Cuuphaa geessan jedhaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa ayyaana walitti dhufeenya uummatoota cimsudha jedhaniiru.Duudhaa aadaa uummata keessa jiru basaanii agarsiisuufi dhalootattis akka darbu taasisuun gahee hundaa ta'uu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015