Ambaasaaddaroonni muudaman fayidaa biyyaaleessaa Itoophiyaa kabachiisanii itti fufsiisuuf dirqama guddaa qabu.

9

Amajji, 9/2015(TOI) - Pirezidaantiin FDRI Saahiyilaawariq Zawudee Ambaasaaddaroonni muudaman fayidaa biyyaaleessaa Itoophiyaa kabachiisanii itti fufsiisuuf dirqama guddaa qabu jedhan.

Pirezidaanit Sahiyilaawariq Zawudee dhiheenya amabaasaaddaroota guutuu ta'anii kanneen muudaman 14 fi amabaasaaddaroota 7'f xalayaa muudamaa isaanii laataniiru.

Sirna kanarratti Pirezidaanit Sahiyilaawariq Zawudee, Itti aanaa Ministira Muummeefi Ministira Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin Pirezidaanitii mana murtii waliigalaa aadde Maazaa Ashannaafiifi hoggantoonni mootummaa biroon argamaniiru.

''Biyyoota adda addaatti Itoophiyaa bakka bu'uun tajaajila kennuuf gahuu keessaniif baga gammaddan, biyya sadarkaa olaanaarratti tajaajiluuf gahuun carraa guddaadha'' jedhan Pirezidaanit Sahiyilaawariq Zawudee.

Itoophiyaan qoraamatawwan waggoota lamaan darban ishee mudatan darbuun daandii abdii anamatti horurra jirti kan jedhan pirezidaanit Saahiyilaawariq Zaduudeen hojii deebisanii dhaabuufi ijaaruu hojjetamaa jiru deeggaruun fayidaa biyyaalessaa egisisuun itti fufsiisuun dirqama ambaasaaddaroota muudamanii ta'uu himaniiru.

Itti aanaan Ministira Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin gama isaaniin Itoophiyaan waggoota daraban qormaataafi abdii keessa turte jedhan.

Ambaasaaddaroonni Muudaman hojii dippilomaasii yeroo ammaa fooyya'aa dhufe caalaatti cimsuun waaraa ta'ee akka itti fufu hojjechuu qabu jedhaniiru.

Sirna kanarratti pirezidaanitiin mana murtii waliigalaa Itoophiyaa aadde Maazaa Ashannaafii ambaasaaddaroonni muudaman kakuu raawwachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015