Magaalaa Finfinneetti Paarkiin Lammii birrii biliyoona 1.3 ijaarsi isaa jalqabe

112

Amajji, 9/2015(TOI) -Magaalaa Finfinnee Kutaa magaala Lammii Kuraatti Kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi hoggantoonni mootummaa biroon ijaarsa Paarkii Lammii birrii biliyoona 1.3 ijaaramu jalqabsiisaniiru.

Paarkiin kun lafa heektaara kuma 14fi 400 irratti ijaarama jedhameera.

Aadde Adaanech Abeebee yeroo ijaarsa Paarkii kanaa jalqabsiisaan akka himanitti, Magaalichatti pirojeetoota adda addaa hojjechuun magaalicha qulqulluufi miidhagaa taasisuu keessatti hirmaannaan damee dhuunfaa murteessadha.

Paarkii Lammiis Mootummaafi dureeyyootatu waliin ijaara jedhameera.Hawaasni ijaarsi paarkii kana karaa barbaadamuun akka hojjetamuuf deeggarsa barbaachisu akka taasisu gaafataniiru.

Ijaarsi Paarkii kana namoota kuma 1 fi 100 carraa hojii kan uumu yoo ta'u kana keessaas 400 carraa hojii dhaabbii akka uumuuf Hoji geggeessan olaanaa Kutaa magaalaa Lammii Kuraa obbo Xilahuun Roobaa himaniiru.

Paarkichi bakkeewwan walga'ii, Bakka bashanana, Suuqiwwan, Reesturaantoota fi kanneen biroo of keessaa qaba jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015