Walitti dhufeenyi waloo gama hundaan Itoophiyaafi Emereetonni Araba Gamtoomanii qaban cimee itti fufa.

Amajjii 8/2015 (TOI)- Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad walitti dhufeenyi waloo gama hundaan Itoophiyaafi Emereetonni Araba Gamtoomanii qaban cimee itti fufa jedhan.

Biyyoonni lameen dameewwan daldalaa fi invastimantiin hariiroo qaban caalaatti cimsuuf tumsa tarsiimawaa hundeessuu isaanii dubbataniiru.

Itoophiyaan abbootii qabeenyaa misoomsitoota hojii invastimantiirratti bobba’uu barbaadaniif qabeenya umamaa hintuqamne akka qabdu doktar Abiy Ahimad himaniiru.

Emereetonni Araba Gamtoomanii dhaabbilee idil addunyaa cimoo fi itti gaafatamaa qaban gama ijaaruutiin milkaa’inni galmeesite Itoophiyaa akka kakaasu eeraniiru.

Irree invastimnatii tarsiimawaa Itoophiyaa kan ta’e “Holdiingii Invastimantii Itoophiyaa”, dhaabbilee Emereetota Araba Gamtoomanii waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jirachuu ibsaniiru.

Dhaabbilee kanneen waliinis humna haareffamaa, ijaarsaa manneen jireenyaa akkasumas damee qonnaan walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Dokar Abiy Ahimad, qindoominni Itoophiyaa fi Emereetota Araba Gamtoomanii hariiroon fayyadamummaa waloo biyyoota guddatanii fi guddachaa jiranii maal fakkaachuu akka qabu kan argisiisuudha jedhaniiru.

Biyyoota lameen gidduutti kan mirkanaa’e fedhii walamantaa, walkabajaa fi waloon guddachuu firii horataa jira; tumsi kunis akka itti fufuu fi bal’atu hinshakku” jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015