Magaalaa Dirre Dawaatti Pirojeetoonni ijaarsi isaanii osoo hin xumuraamiin harkifate xumuramanii gara hojiitti galuu qabu.

125

Amajji, 8/2015(TOI) - Magaalaa Dirre Dawaatti Pirojeetoonni ijaarsi isaanii osoo hin xumuraamiin harkifate xumuramanii gara hojiitti galuu akka qaban mana maree bakka bu'oota uummataatti Koreen dhaabbii dhimma Pilaanii, bajataafi Faayinaansii hubachiise.

Korichi magaalaa Dirre Dawaatti pirojeektoota ijaarsi isaanii adda cite, kan duubaatti harkifateefi ijaaramaa jiran daawwateera.Pirojeektoonni misoomaa kunneen bajata mootummaa Federaalaan kan hojjetaman ta'uun himameera.

Bulchiinsi magaalichaa pirojeektota ijaarsi isaanii adda cite irra deebiin jalqabsiisuun xumuruu akka qabu daawwanna irratti eerameera.

Daawwanna kanaan koreen dhaabbichaa bulchiinsi magaalichaa ijaarsa pirojeektoota dursi kennamuufii qabu kan galii argamsiisuu danda'aniif dursa kennuun ariitiin xumuruu akka qabu hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015