Finfinneetti hanga ayyaanni Cuuphaa kabajamee xumuramutti sochiin doqdoqqee dhorkamee

78

Amajji, 8/2015(TOI) - Magaalaa Finfinneetti hanaga ayyaanni Cuuphaa kabajamee xumuramutti Doqdoqqee konkolaachisuun dhorkaa ta'uu Ejensiin Bulchiinsa Tiraafika magaalichaa beeksise.

Doqdoqqee konkolaachisuun kan dhorkame har'a guyyaa saatii 6 irraa eegalee hanga Kamisa Amajji 11/2015 galgala saatii 12tti ta'uu Ejensichi beeksiseera.

Dhorkiin kunis sochii doqdoqqee qaamolee nageenyaa fi poolisoota tiraafikaa irraan kan hafe Magaalaa Finfinnee naannawaa hundatti dhorkaamuun ibsameera.

Abbootiin qabeenyaa doqodoqqees, dhorkaa kaa’ame hubachuun hanga guyyaan dhorkii ka’amee xumuramutti obsan akka eegan ibsuun, qaamolee dhorkicha darbanii argamanirratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015