Finfinnee fi naannawaa isheetti farreen nageenyaa hokkarafi jeequmsa uumuuf socho'aa turan to'ataman

110

Amajjii 6/2015 (TOI) – Humnoonni farreen nageenyaa magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti hokkaraa fi jeequmsa uumuuf qophaa'aa turan to'achuu Humni Waloon Tikaa fi Nageenyaa beeksise.

Kanaan Humni waloon kun gamaaggama gaggeessen yaaddoo jiru hir'isuuf Finfinnee fi naannawaa isheetti oppireeshinii qindaa'aa gaggeesseen bu'aa qorannoo meeshaalee waraanaa fi shakkamtoota to'atamanii ummataaf akka ifoomsu beeksisuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan, yeroo ammaa Naannoo Oromiyaatti tarkaanfii olaantummaa seeraa fudhatamaa jiruun Finfinnee galanii gochaa shororkeessummaa raawwachuuf kan socho'aa turan miseensota garee shororkeessa shanee 107, haleellaa raawwachuuf meedhaalee waraanaa itti fayyadamuuf turanfi uffannaa caasaalee nageenyaa waliin to'annoo jala oolfamuu ibsameera.

Haaluma walfakkatuun gareen finxaaleyyii Faannoo paartilee siyaasaa tokko tokko da'eeffachuun Magaalaa Finfinnee giddugala hokkaraa fi jeequmsaa taasisuuf waraqaa eenyummaa sobaa qabachuu fi gaaffiilee manneen barnootaatti ka'an kallattii maqsuun kaayyoo gochaa isaaniif fayyadamuun, sabaa fi sablammoota magaalatti walitti buusuu fi hokkaraa fi jeequmsa uumuuf akkasumaa haleellaa meeshaalee waraanaan deeggarame raawwachuuf kan socho'aa turan miseensota garechaa 109 meeshaalee waraanaa itti fayyadamanii fi uffannaa caasaalee nageenyaa waliin to'atamuun ibsameera.

Waliigalaan Humni Waloon Tikaafi Nageenyaa Finfinneefi naannawaa isheetti nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuf oppireeshinii hawaasa hirmaachisuun taasiseen shakkamtoota farreen nageenyaa 371 fi meeshaalee add addaa isaan shororkeessummaaf itti fayyadamuuf turan waliin to'achuun qorannoon irratti taasifamaa jiraachuu ibseera.

Humni walochaa hawaasni deeggarsa hanga ammaatti taasiseefif galateeffatee ayyaana uummanni baay'een addabaabayitti bahee kabaju ayyaanni Cuupha karaa nagaa akka kabajamuuf qophii bali'aa taasisuun humnoota nageenyaa hedduu sadarkaa biyyaatti bobbasuu beeksiseera.

Ayyaanni Cuuphaa keessayyuu magaalaa Finfinneetti uummanni hedduufi turistoonni biyyoota adda addaarra dhufan kan irratti hirmaatan waan ta'eef hordoftoonni amantichaafi jiraatoonni magaalichaa humnoota nageenyaa waliin caalaatti qindoomanii akka hojjetan waamicha taasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015