Qaqqabiinsa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf gaheen damee dhuunfaa olaanaadha-Obbo Yaasiin Abdullaahii

109

Amajjii 6/2015(TOI)- Qaqqabiinsa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf gaheen damee dhuunfaa olaanaa tahuusaa itti gaafatamaan biiroo fayyaa naannoo Hararii ob.Yaasiin Abdullaahii ibsan.

Jiddu galeessi fayyaa  abbaa darbii lamaa baasii birrii miiliyoona 60 oliin abbaa qabeenyaa tokkoon magaalaa Hararitti ijaarame eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’eera.

Jiddugaleessa fayyaa kana eebbisanii kan banan itti gaafatamaan biiroo fayyaa naannichaa ob. Yaasiin Abdullaahii akka dubbatanitti mootummaan qaqqabiinsaa fi qulqullina damee fayyaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Ummata naannichaan ala naannolee ollaa akkasumas Jibutii fi Somaaliyaa dabalatee biyyoota ollaarraa namoonni miiliyoona 3 ol yaalaaf waggaa waggaan gara naannichaa akka dhufan ibsaniiru.

Tajaajilamtoota yaalaaf gara naannichaa dhufan hoospitaala mootummaa keessatti qofaa keessummeessuun ulfaataadha kan jedhan itti gaafatamaan kun, tajaajila kana qaqqabaa taasisuuf shoorri damee dhuunfaa olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Mootummaan naannichaa qaqqabiinsa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf dhaabbilee fayyaa dhuunfaan bobba’aniif deeggarsaa fi gargaarsa barbaachisaa akka taasisu dubbataniiru.

Abbaan jiddugaleessa fayyaa Salaam har’a eebbifamee banamee doktar Daawit Ayyalaa gamasaaniitiin yaalli daa’immanii, dhukkubni keessoo fitajaajilli baqaqsanii hodhuu jiddugaleessa kana keessatti akka kennaman ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015