Magaalaa Finfinneetti ayyaanni cuuphaa nagana akka kabajamu dargaggoonni tola ooltotaa kuma 17 ol qophii taasisaniiru

11

Amajjii 6/2015(TOI)- Magaalaa Finfinneetti ayyaanni cuuphaa nagana akka kabajamu dargaggoonni tola ooltotaa kuma 17 ol qophii taasisuusaanii waldaan dargaggootaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Ayyaanota amantoota Ortodoksii Itiyoophiyaatiin dirreerratti kabajaman keessaa cuuphaan addadureen eerama.

Keessumaa hambaa addunyaarratti kan galmaa’e  ayyaanni cuuphaan hordoftoonni amantichaa hedduun kan irratti hirmaatan ta’uun ni beekama.

Ayyaanichi Finfinneetti ho’inaan kan kabajamu ta’uusaatiin abbootiin amantaa, dargaggoonni mana barnootaa sanbataa fi dargaggoonni tola ooltonni akkasumas qaamoleen nageenyaa jalabultiirraa kaasee ayyaanichi nagana akka kabajamu qindoominaan hojjechuu erga jalqabanii turaniiru.

Ayyaanni kun nagana akka xumuramu qophiin waldaan dargaggoota Finfinnee taasise ilaalchisee TOIn pirezidaantii itti aanaa waldichaa Takastee Ayyaaloo waliin turtii taasiseera.

Ayyaanni cuuphaa sirna amantaasaa osoo hingallakisiin haala nagaa fi tasgabbaa’een akka kabajamu kan deeggaran dargaggoonni tola ooltonni kuma 17 ol qophii xumuruu pirezidaantii itti aanaan kun ibsaniiru.

Dargaggoonni tola ooltonni kunneen kutaa magaalaa hundarraa kan baba’an ta’uu kan ibsan obbo Takasteen, abbootii amantaa fi qaamolee hawaasaa waliin qindaa’uun leenjii fi qophii addaddaa taasisuusaanii dubbataniiru.

Makka ayyaanichi itti kabajamu Jaanmeedaatti argamuun hordoftoota amantichaa addaddaa, abbootii amantaa fi hoggantoota dhimmi ilaallatu waliin duula qulqullinaa taasisuusaanii ibsaniiru.

Ayyaanichi waliin jireenyaa fi nageenya biyyaa, ummattootaa karaa eegsiseen akka kabajamu dargaggoonni kunneen ga’eesaanii akka bahatan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015