Taphattooni Ardii Afriikaa Saalaah, Maanee Fi Obaamiyaang Badhaasa kophee warqii qooddatan

120

Caamsaa 5/2011 Saadiyoo Maanee fi Piyeer – Emeriik Obaamiyaang kaleessa guyyaa xumuraa tapha Piriimiyeer Liigii baranaa irratti qofa qofaan galchii lama galchuun Mohaammad Saalaatiin qixxaatan.  

Saalah, Maanee fi Obaamiyaang badhaasa kophee warqii qooddatan.

Kanaanis, taphattoonni sadan badhaasa kophee warqii waliin qooddataniiru. Sadanuu galchii walfakkaataa 22 galchan.

Saalaah badhaasa kana bara dorgommii darbees fudhateera.

Obaamiyaang, ‘‘badhaasa kana taphattoota ciccimoo Afriikaa kaan waliin qooddate. Afriikaa bakka buuna,’’ jechuun gammachuu isaa ibseera.

Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloopp taphattoota sadanuu leenjisaniiru. Obamiyaang iinillee yeroo Dortimuund leenjisaa turan Seent Itiyeen irraa ofitti fidanii turan.

‘‘Kophee sadii argatanii? Bareeda. Hunduu taphattoota kooti,’’ jedhaniiru.

Saalaah bara darbe galchiiwwan 32 galche. Galchiin sunis rikardii dha. Walitti aansuun badhaasa fudhachuun illee taphataa jahaffaa dha.

Bara dorgommii 2015/16 fi 2016/17 galchiiwwan hedduu galchuun kan badhaafamee ture taphataan Totanhaam Haarii Keen barana waan miidhameef galchii 17 qofa galche.

Suuraa: BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015