Manni maree ministirootaa walga’ii idilee 16ffaa guyyaa har’aa adeemsiseen dhimmoota addaddaarratti mari’atee murtee dabarse

95

Manni maree ministirootaa walga’ii idilee 16ffaa guyyaa har’aa adeemsiseen dhimmoota addaddaarratti mari’atee murtee dabarse

Amajjii 6 bara 2015 Finfinnee

Murteewwan walga’ii idilee mana maree ministirootaa 16ffaa

Manni maree ministirootaa walgahii idilee 16ffaa har’a adeemsiseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarse.

  1. Manni maree kun jalqaba kan mari’ate waliigaltee liqii doolaara Ameerikaa 107,174,255.00 (miiliyoona dhibba tokkoo fi miiliyoona toorbaa fi kuma dhibba tokkoo fi kuma torbaatamii afurii fi dhibba lamaa fi shantamii shanii ) boqonnaa lammaffaa raawwachiisa pirojaktii qabiinsa lafaa egereef oolu waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifamerrattidha. Liqiin kun dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaaf hinmo’amne ijaaruu fi oomishtummaa lafaa guddisuun galii fi haala jireeenyaa qonnaan bulaa fooyyessuuf yaalii mootummaan taasisu kan deeggaru, dhalli kan hinqabnee fi waggoota 40 keessatti kafalamee kan xumuramu ta’uunsaa imaammata liqii biyyattii waliin kan walsimu ta’uusaa mirkaneessuun manni mariachi waliigaltee kana sagalee guutuun mirkaneessuun mana maree bakka bu’ootaaf akka darbu murteesseera.
  2. Itti aansuun manni maree kun kan mari’ate labsii wixinee labsii eksaayiiz taaksii fooyyessuu dhihaaterrattidha. Faayidaa labsiin eksaayiiz taaksii Guraandhala bara 2012 irraa kaasee hojiirra oole argamsiise akkasumas hanqinoota mul’atan qorachuun kafaltiin oomishoota tokko tokkorratti kaa’ame sirreessuun sirrii ta’ee waan argameef fooyyessi labsii kanaa qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaa wixinee labsii fooyyessaa kanarratti erga mari’atee booda yaada itti dabaluun gara mana maree bakka bu’oota ummataatti akka darbusagalee guutuun murteesseera.
  3. Itti aansuun manni marichaa kan mari’ate wixinee danbii inistiitiyuutii qorannoo Armaawer Hansan dhaabuuf dhihaaterrattidha. Wixineen danbii hojii fi ittigaafatama inistiitiyuutichaa ifa godhu, qorannoo taasisaa jiru hojiiwwan qorannoo fayyaa kanneen biroon bal’isee akka hojjetu dandeessisuu, qindoomina cimsu, qisaasuu kan hir’isuu fi bu’a qabeessummaa jajjabeessu, gurmaa’insa akka qabaatu dandeessisu qophaa’ee dhihaateera. Manni marees wixinee danbii kanarratti bal’inaan mari’achuun yaada itti yadaluun sagalee guutuun kan raggaase yoota’u, danbiin kun gaazexaa magalataarratti maxxamfamee erga bahee kaasee hojiirra akka oolu murteesseera
  4. Itti aansuun manni marichaa wixinee danbii tajaajila baankii dhiigaa fi tiishuu Itiyoophiyaa hundeessuuf dhihaaterratti mar’iateera. Baankiin dhiigaa biyyaalessaa tajaajila kannaa dura kennaa ture bal’isuun bu’aalee dhiigaa, rii ejentootaa fi bishaan dhiigaa biyya keessatti oomishuu akkasumas tajaajila yaalaa baasanii dhaabuu tiishuu deeggaruu, arjoomtota tiishuu qindeessuu fi hojiiwwan Kanaan walqabatan hojjechuu kan dandeessisu dhaabbanni aangoo qabu waan barbaachiseef wixineen danbii qophaa’ee mana maree ministirootaaf dhihaateera.  Manni marichis wixinee danbii kanaarratti bal’inaan mari’achuun yaadaan gabbisee sagalee guutuun raggaasuun danbichi gaazetaa magalataan maxxanfamee guyyaa baherraa kaasee hojiirra akka oolu murteesseera.
  5. Ajandaan manni marichaa irratti mari’ate kan biraan wixinee danbii inistiitiyuutii fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa hundeessuuf dhihaatedha. Balaawwan fayyaa hawaasaa dursuun raaguu, ittisuu fi deebii kennuun sirna bu’a qabeessa diriirsuun waan barbaadameef, dameen laaboraatoorii fayyaabiyyattii kunuunsa fayyaa hawaasaaf, yaalaaf akkasumas dhaabbanni qorannoowwan sirna nyaataaf tajaajila qulqullina qabu akka kennu dandeessisuu waan barbaachiseef, raawwii imaammataa fi tarsiimoo fayyaa hawaasaa gadi fageenyaan kan to’atuu fi kan qoratu  waan barbaahiseef wixineen danbii kun qophaa’ee manam marichaaf dhihaateera. Manni marichaas wixinee danbii kanarratti  bal’inaan erga mari’atee booda sagalee guutuun raggaasee danbiin kun gaazexaa magalataarratti guyyaa maxxanfamee kaasee hojiirra akka oolu murteesseera.
  6. Itti aansuun manni marichaa wixinee danbii gurmaa’insa, aangoo fi hojii abbaa taayitaa nyaataa fi qorichaa Itiyoophiyaa murteessuuf baherratti mari’ateera.  Akkaataa oomishaa, naannessuun dhiheessii fi itti fayyadama nyaataa, qorichaa, meeshaa yaalaa, qoricha aadaa, tamboo fi oomishoota Kanaan walqabatan ilaalchisuun sirna to’annoo fi hordoffii diriirsuu, laaboraatooriiwwan hojii to’annoo taasisuuf gargaaran gurneessuu,hojiiwwan seeraan alaa wayita raawwatamanis tarkaanfii barbaachisu kan fudhatu akkasumas oomishuunii fi itti fayyadamni oomishoota to’annaan irratti taasifamuu akkaataa ulaagaa idil addunyaatiin raawwatamuusaanii kan mirkaneessuu fi raawwachiisu aangoo fi gurmaa’insa akka qabaatu kan dandeessisu wixineen danbii dhihaateera. Manni marichaas wixinee danbii kanarratti  bal’inaan erga mari’atee booda sagalee guutuun raggaasee danbiin kun gaazexaa magalataarratti guyyaa maxxanfamee kaasee hojiirra akka oolu murteesseera.
  7. Xumurarratti manni marichaa walii galtee waloo mootummoota rippaabiliikii Turkii fi emereetota Arabaa waliin namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii kennuu fi dhimmoota yakkaarratti walii galtee seeraa waloo taasisuuf mallatteeffaman irratti mari’ateera. Waliigalteewwan waloo namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii kennuu namoota dhimmi yakkaatiin barbaadaman dabarsanii gama kennuutiin walta’iinsa waloo taasifamuuf seerummaa kan uumu irra darbee biyyoota walii galan jidduutti faayidaan mirkanaa’uu seeraaf qabu olaanaadha. Waliigalteen dhimmoota yakkaarratti walta’iinsi haqaa dhimmoota yakkaa yakkoota gurmuun taasifaman, kanneen daangaa cehan akkasumas yakkoota bulchiinsa biyyoota lamaanii keessatti raawwataman ilaalchisee qorannoo, himannaa fi adeemsa murteerratti taasifaman raga fi odeeffannoowwan waljijjiiruuf akkasumas naanneffamuu qabxiiwwan yakkaa   gama ittisuutiin faayidaansaanii olaanaa waan ta’eef waliigalteen waloo kun mana marichaaf dhihaateera. Manni marichaa waliigalteewwan waloo kanarratti erga mari’atee booda akka ragga’u gara mana maree bakka bu’ootaaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015