Itiyoophiyaa jiddugaleessa dippilomaasii filatamaa taasisuuf hojjetamaa akka jiru ministeerri dhimmi alaa ibse

132

Amajjii 05/2015 (TOI)- Itiyoophiyaa jiddugaleessa dippilomaasii filatamaa taasisuuf hojjetamaa akka jiru ministeerri dhimmi alaa ibseera.

Dubbi himaan ministeera dhimmi alaa ambaasaaddar Mallas Alam hariiroo alaa fi dippilomaasii irratti ibsa torbanii kennaniiru.

Ibsa kennaniin Itiyoophiyaan bara Awurooppaanotaa haaraa hojii dippilomaasii dadammaqaa fi fooyya’aa ta’een jalqabuushee ministiroonni dhimmi alaa Chaayinaa, Jarmanii fi Faransaayi hojii dippilomaasiif Itiyoophiyaa dhufuusaanii dubbataniiru.

Adeemsifamuun waliigaltee nageenyaa Itiyoophiyaan nageenyishee mirkanaa’ee itti gaafatama  waltajjii idil addunyaarratti qabdu akka baatu kan ishee dandeessisu akka ta’es ibsuusaanii himaniiru.

Hojiin dippilomaasii cimaan kun bara bajataa kanatti cimee akka itti fufu kaasanii, fuuldurattis gama dippolomaasii dinagdee, siyaasaa, aadaa fi ispoortii xiyyeeffannoon kennamee akka hojjetamu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan adeemsa dippilomaasii hunda hammatu akka hordoftu ibsanii, kanaafis daandii qilleensaa Itiyoophiyaa dabalatee dhaabbilee biyyaa murteessaa ta’an babba’insa hojii milkaa’aaf qindeessuun fayyadamuun akka barbaachisu himaniiru.

Imaammanni dhimmi alaa qormaatilee idil addunyaa akka cehu haala qabatamaa keessoo irraa ka’uun biyyoota ollaarratti xiyyeeffachuun akka hojjetamuu fi Itiyoophiyaa jiddugaleessa dippilomaasii filatamaa taasisuuf hojiileen hedduun kojjetamaa akka jiran cimsanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015