Itoophiyaafi Afrikaa Kibbaan walitti dhufeenya waloo qofaa osoo hin taane dhimmoota aardiifi idil addunyaarratti qindoomina qaban cimsuuf hojjechaa jiru.

106

Amajji, 5/2015(TOI) - Itoophiyaafi Afrikaa Kibbaan walitti dhufeenya waloo qofaa osoo hin taane dhimmoota aardiifi idil addunyaarratti qindoomina qaban cimsuuf caalaatti hojjechaa jiraachuu Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Muktaar Kadir himan.

Itoophiyaafi Afrikaa kibbaan biyyoota walitti dhufeenya yeroo dheeraa gama dinagdeefi siyaasaan qaban ta'uun ni beekama.

Warri Afrikaa Kibbaa sirna bittaa Appaartaayidii irraa bilsa ba'uuf qabsoo taasisan keessatti abbaa Bilisummaa Afrikaa Kibbaa jedhamanii kan beekaman Nelisan Mandeelaan Itoophiyaatti leenjii waraanaa fudhachaa turuun isaan walitti dhufeenya cimaa biyyoonni lamaan qaban kan agarsiisudha.

Afrikaa Kibbaatti ambaasaaddarri guutuu Itoophiyaa Muktaar Kadir TOI waliin turtii taasisaniin akka himanitti Itoophiyaafi Afrikaa Kibbaan walitti dhufeenya waloon qaban cinaatti dhimmoota aardiifi Idil addunyaarrattis qindoominaan hojjechaa jiru.

Yeroo ammaa Itoophiyaafi Afrikaa Kibbaan gama daldaalan, Invastimantiin, walitti dhufeenya uummataanfi damee biroon irratti qindoominaan hojjechaa jiru jedhaniiru.

Yeroo dhihoo waltajjii waliigaltee nageenyaa mootummaafi ABUT jiddutti taasifame qopheessuufi adeemsi isaa mijataa akka ta'u Afrikaa Kibbaan gahee olaanaa bahachuu himaniiru.

Kunis ''Rakkoo Afrikaa furmaata Afrikaa maddisiisuu'' yaanni jedhu kan itti milkaa'edhaa jedhaniiru.Gara fuula duraattis biyyoonni lamaan walitti dhufeenya dippilomaasii dinagdee jabaa uumuuf sosochiin jalqabamuu himaniiru.

Biyyoonni lamaan walitti dhufeenya waloon cinaatti dhimmoota aardiifi idil addunyaarratti qindoomina qaban cimsuuf caalaatti hojjechaa jiraachuu Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Muktaar Kadir himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015