Raawwiin hojii pirojeektiin Aduwaa kilomeetira zeeroo harka 77 gaheera.

Amajji, 5/2015(TOI) - Raawwiin hojii pirojeektii Muziyeemii Aduwaa kilomeetira zeeroo harki 77 xumuramuu Waajjirri Ijaarsa Pirojektoota gurguddoo Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hojiin pirojeeticha kan bu'uuraa xumuramuufi yeroo ammaa hojii xumuraa adda addaatu hojjetamaa jira jedheera.

Waajjirra ijaarsa Pirojeektoota gurguddoo magaalaa Finfinneetti bakka bu'aan 'maandisa' pirojeektii muziyeemii Aduwaa kilomeetira zeeroo Fallaqee Waladayohaannis hojiin bu'uura pirojeektichaa xumuramuu hordofee hojiiwwan hafan kan xumuraa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan sarara bishaaniifi Elektirikii diriirsuu,fi hojiin xumuraa biroon kutaa gamichaa keessatti hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Waliigalaan muuziyeemicha xumuruun tajaajila barbaadamuun gahuuf hojiin xumuraa gamichaa ariitiin hojjetamaa jiraachuu himanii, raawwiin hojii pirojeektichaas harka 77 xumuramuu himaniiru.

Madda :- Waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinnee.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015