Qabeenya bishaanii Itoophiyaan qabdu akka sirriitti hojiirra oolchitu Yuunivarsiitoonni qorannoon deeggaruu qabu.

24

Amajjii 4/2015(TOI) - Qabeenya bishaanii Itoophiyaan qabdu akka sirriitti hojiirra oolchitu Yuunivarsiitoonni qorannoonfi qo'annoon deeggaruu akka qaban Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii gaafate.

Fooramiin 2ffaa Yuunivarsiitiiwan Sulula lageenii Awaashii fi Waabii Shabalee magaalaa Finfinneetti taa’amaa jira.

Fooramicha haasaan kan banan, Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Haramaayaa Dr.Jamaal Yusuuf fooramichi yuuniivarsiitiiwwan sululoota lageen Awaashii fi Waabii Shabalee keessatti argaman 11’n kan hundaa'e akka ta'e himan.

Kaayyoon fooramichaas qo’annoo fi qorannoowwan Yuunivarsiitiiwwan qoratamanii bahan misoomaaf akka oolanii fi rakkoo hawaasaa akka hiikaniif qindoominaan hojjachuuf ta’uu ibsaniiru.

Qabeenyaawwan uumamaa sululoota kanneeniitti argaman kunuunsuu fi misoomsuun guddina biyyaatiif oolchuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjachuuf hayyoonni yuunivarsiitii gahee irraa eegamu akka bahaniif fooramiin kun daandii kan banuu ta’uus eeran.

Fooramicharratti kan argaman Deetaan Ministira Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dr.Birhaanuu Leenjisoo, fooramichi hojii manni hojii ministeerichaa sululoota lageen adda bahaan 12 irratti hojjachaa jiru milkeessuu keessatti gahee olaanaaa qaba jedhan.

Qorannoowwan gara garaa yuunivarsiitiiwwan keessatti qoratamaa jiran qabatamaan hojiitti akka hiikamaniif kan gargaaru ta'uu ibsaniiru.

Manni hojii ministeerichaa fooramiicha waliin qindoominaan kan hojjatu ta'uus himaniiru.

Fooramii taa’amaa jiru kanaan barreeffamoonni qorannoo adda addaa dhiyaachuun irrattis mari'atamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015