Zayitiin Paalm rakkoo fayyaaf akka nama hin Saaxilleef sirnaan itti fayyadamuun ni barbaachisa – qorannoo taasifame

Caamsaa 05/2011 Zayitii itituun beekamu Paalmiin fayyaa namootaa irratti rakkoo akka hin geessisneef baayyinaa fi yeroo yeroon fayyadamuu dhiisuun furmata akka ta'e Itiyoophiyaatti Instiitiyuutiin fayyaa Hawwaasaa qorannoo taasiseen ifoomsee jira.

Instiitiyuutichatti qorataan saayinsii nyaataa gargaaraa qorataa kan ta'an obbo Kiflee Haabtee qorannoo kana bu'ura taasisuun akka jedhanitti Zayitiin Paalm Cooma ititaa of keessaa waan qabuuf yeroo hedduu fayyadamuun fi baayyinaan nyaachuun rakkoo Kolestiroolii nama irratti geessisuun hiddi dhiigaa akka dhiphatu waan taasisuuf fayyaa namaa irratti rakkoo geessisuu ni danda'a jedhaniiru.  

Rakkoo kana hir'isuufis yeroo hedduu nyaachuu irraa of qusachuun akka barabaachisu himanii, dirqama taanaan garuu Zayita dhangala'aa waliin wallitti makuun fayyadamuun akka barbaachisus dhaamanii jiru.

Dhaabbanni fayyaa addunyaa namni tokko guyyaatti Zayita giraama 50 hamma 70 yoo nyaate ni filatama jedhus Itiyoophiyaatti garuu namni tokko giddu galeessaan guyyaatti Zayita giraama 28 qofaa akka fayyadamu qorataan kun ibsanii jiru.

Kunis ummanni baayyinaan waan hin fayyadamneef rakoon Zayitiin kun geessisu ni hirr'ata jedhanii jiru.

Garuu Zayita kana baayyinaan kan fayyadamnu taanaan rakkoon isaa kan dabalu ta'us beeksisanii jiru.

Zayitiin Paalm kun hoo'insa hamma ta'e dandamachuu waan danda'uuf nyaata hoo'insa guddaan bilchaataniif filatamaa ta'u himanii, nyaannis osoo hin badiin yeroo dheeraaf akka turu ni gargaraa jedhanii jiru.

Nyaata akka Chiipsii dabalatee nyaataa baayyinaan qophaa'aniifis filatamaa ta'uu qorataan kun himanii jiru.

Ministeerri daldalaa gama isaatiin zayitiin kun biyya alaatii yeroo galutti fayyaa namaa irratti rakkoo akka hin geessisne itti amanamee ta'uu eeree, kanaafis Ragaa /ISO 22000/ kan qabu waan ta'eef fayyaa irratti rakkoon inni geesisu hin jiru jedhee jira.

Dhaabbanni fayyaa addunyaa Zayitni kun qulqullinni isaa kan mirkanaa'e waan ta'eef biyyoota biroo keessattis tajaajila irra oolaa jiraachuu himee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015