Tajaajilli Dhiheessii Qorichaa Itoophiyaa waliigaltee kanfaltii duraan Hospitaaloota 28'f qorichoota dhiheesuuf kan jiru ta'uu beeksise.

99

Amajji, 4/2015(TOI) - Tajaajilli Dhiheessa Qorichaa Itoophiyaa waliigaltee kanfaltii duraan Hospitaaloota 28'f qorichoota dhiheesuuf kan jiru ta'uu beeksise.

Tajaajilli Dhiheessa Qorichaa Itoophiyaa sagantaa hojiirra oolmaa waliigaltee kana jalqabisiisuu hospitaaloota 28 waliin geggeessera.

Tajaajilichi waliigaltee kana kan raawwate fedhii hospitaalotaa bu'uura kan godhateen jedhameera.

Daarekatarri olaanaa Tajaajila Dhiheessii Qoricha Itoophiyaa doktar Abdulqaadir Galgaloo sirni adeemsa jalqabame kun rakkoo dhiheessii qorichaa Itoophiyaatti mudatu harka 80 ni fura jedhaniiru.

Tajaajilichi keessayyuu qorichoota 150 tajaajila lubbuu baraaruufi kan biroof oolaan hospitaaloota 28'f waliigaltee kanfaltii duraan dhiheessuuf walii galamuu himaniiru.

Kanaanis yoo xiqqate fedhii dhiheessii jiru harka 95 waliin gahuuf karoorfamuu himaniiru.

Dabalatanis sadarkaa yaaliitti hojiirra oolaa kan ture sirni karoora jijjirama ariifataa hospitoolatatti kan jalqabamu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015