Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee kaariikulamii heddumna afaaniin walqabatee murteewwan dabarse

130

Mudde 4/2015(TOI)-Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 8ffaa waggaa 2ffaa adeemsiseen kaariikulamii heddumna afaaniin walqabatee murteewwan dabarseera.

Kaabineen kun walga’iisaa idileetiin sirna barnootaa heddummina afaanii kaariikulamii haaraa yunivarsiitii barnootaa Kotobee qorachiisaa ture ilaalchisuun kan mari’ate yemmuu ta’u, qorannoo Yunivarsiitichi qorachiise ilaalchisuun mariin ummataa(maatii barattootaa dabalatee) taasisaa turee guyyaa har’aa yaada qorannichaan dhihaate ilaalchisuun murtee dabarseera.

Haala Kanaan,

1- Akkaataa qorannoo sirna barnootaa haaraatiin barattoota afaan Oromoon afaan hiikkataniif Afaan Amaaaraa akka afaan dabalataa(afaan lammaffaatti) akka kennamu,

2- Barattoota afaan Amaaraan afaan hiikkatan ammoo Afaan Oromoo akka dabalataatti(afaan lammaffaatti) akka kennamu,

3- Manneen barnootaa magaalattii kutaa 7 irraa kaasee afaan biyya keessaa barachuunsaanii akkuma eegametti ta’ee, akaakuu barnootaa hunda afaan Ingiliziin barachuu akka danda’an akka taasifamu,

4-Barattoota kutaa 9 fi 10 afaan Arabaa fi Faransaayi sadarkaa manneen barnootaa olaanootti barumsa filmaataa  ta’uun akka itti fufu,

5- Umuriin barnoota idileen duraa itti jalqabamu waggaa 4 akka ta’u,

6- Akkaataa sirna barnootaa haaraatiin barattoonni kutaa 11 fi 12 barumsa hojii fi teekiniikaa filmaatota addaddaatiin akka baratan haaluma kaa’amee fi qabeenya olaanaa kan barbaadu waan ta’eef kolleejota teekniikaa fi ogummaa kilaastaraan qindoominaan akka kennamu akkaatuma qoratameen gara ijaarsaatti akka galu gara ijaarsaatti akka galu akka taasifamu,

7- Hanqina kitaabaa manneen barnootaa dhuunfaa furuuf gurgurtaan dhiheessuuf maxxansa kitaabaaf bajanni dabalataa fandiin marmaartuu birrii miiliyoona 250 akka eeyyamamu murtee dabarseera.

Haala Kanaan sirni barnootaa afaan Oromoo ittiin barsiisuuf Oromiyaarraa ergisaan fudhatamee Finfinneetti ittiin hojjetamaa ture sirna barnootaa haaraan kan bakka bu’u ta’a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015