Raayyaan Ittisa Biyyaa fi ABUT walharkaa fuudhiinsa meeshaalee waraanaa guguddaa gaggeessuu eegalan

122

Amajjii 3/2015(TOI)- Bu’uura waliigaltee Afrika Kibbaa fi Keeniyaatti taasifameen Raayyaan Ittisa biyyaa fi ABUT walharkaa fuudhiinsa meeshaalee waraanaa guguddaa gaggeessuu eegalaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa akka beeksisetti, walharkaa fuudhiinsichi Magaalaa Maqaleerraa kiiloo meetiraa 36 fagaattee kan argamtu Kaampii Agulaatti ta’uun eerameera.

Qondaala Raayyaa Ittisa Biyyaa naannawichaatti bobba’e keessaa Letenaal Koloneela Alamee Taaddalaa, bu’uura waliigaltee mootummaa fi hoggantootaa ABUT gidduutti raawwatameen walharkaa fuudhiinsa meeshaalee waraanaa garaagaraa gaggeessuu ibsaniiru.

ABUT meeshaaleen waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti galii taasisu eegalees taankiiwwan, madfiiwwan, rookeettiiwwan, zuuwwan, moortaarota fi kanneen biroo ta’uun eerameera.

Sirna walharkaa fuudhiinsichaa taajjabuuf koreen taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa argamaniiru. Koree taajjabdoota gamtichaa keessaa Birgaader Jeneraal Adiwaa Libukan Piitar, walharka fuudhiinsi meeshalee guguddaa gama lameeniin jalqabame adeemsa nageenyaa kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaa FDRI fi ABUT gidduutti hojiin nagaa buusuu eegalame kan dinqiisifatamu waan ta’eef ummataa fi qaamolee waliigaltecha hojiirraa oolchaa jiran galteeffachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015