Qunnamtii alaatiin dippilomaasii Dinagdee, Siyaasaafi aadaaf xiyyeeffannoo ni kennama jedhame.

82

Amajji, 3/2015(TOI) - Qunnamtii alaatiin dippilomaasii Dinagdee, Siyaasaafi aadaaf xiyyeeffannoo ni kennama jedhameefii kan hojjetamu ta'uu Itti aanaan Ministira Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin beeksisan.

Obbo Dammaqaan ''Dippilomaasii Itoophiyaa haala hiriira addunyaa jijjirame keessatti'' jedhuun ibsa dhiheessaniiru.

Obbo Dammaqaan diipilomaasii Dinagdee, Siyaasaa, aadaafi Ispoortii xiyyeeffannoon kennameefii ni hojjetama jedhaniiru.

Milkaa'ina hojii kanaaf daandii qillensa Itoophiyaa dabalatee dhaabbilee ijoon biroo qindeessuun itti fayyadamuun akka barbaachisu himaniiru.

Imaammanni biyya alaa qormaatoota idil addunyaa akka ce'uuf haala qabatamaa keessarraa ka'uun biyyoota ollaa irratti xiyyeeffachuufi qaxanaafi yaadama paan afrikaaf xiyyeeffannoo kennuun waltajiwwan waloofi hirmaatoota baay'ee irratti fayidaa biyyaaleessaa Itoophiyaa kabachiisuun xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Hojii dippilomaasii haala walfakatuun hojjechuun jijjjirama adda fiduun kan hin danda'amne ta'uu himanii, humna qaban hundaa fayyadamuun qoramaatilee jiran obsaafi gahumsaan keessa darbuuf yeroo hundaa dursanii argamuuf of qopheessuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Itoophiyaan Dhaabbata mootummoota gamtoomanii dabalatee waltajjii qaamoolee hedduu hirmaachisu fayyadamuuf hojii cimaa kan hojjettu ta'uu himaniiru.

Dippilomaasiin injifannoon dhaabbilee mootummaa qofaan argamuu kan hin dandeenye ta'uu himanii kutaaleen hawaasaa hundi hirmaachuu akka qabus himaniiru.

Gara fuula duraatti Misiyonoonni dippilomaasii Dijtaalaa fi hawaasaa karaa qindaa'een hojjechuu akka qabanis humachiisaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015