Jiddugalli to'annoofi ittisa dheebeewwanii Afrikaa eebbifame.

87

Amajji, 3/2015(TOI) - Jiddugalli to'annoofi ittisa dheebeewwanii Afrikaa eebbifame.

Jiddugalicha dawwannaa hojii magaalaa Finfinnee kan jiran Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Chiin Gaangiifi Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Maahimat eebbisaniiru.

Jiddugalli to'annoofi ittisa dhibeewwanii Afrikaa deeggarsa maallaqaa mootummaan Chaayinaan taasiseen waggoota sadan darban ijaaramaa ture.

Jiddugallii kun magaalaa Finfinneetti kan ijaarame yoo ta'u lafa iskuwer meetiraa kuma 40 irratti kan ijaarameefi hojii dhaabbatichaa si'oomsuuf meeshaaleen ammayya barbaachisaniin kan guutameefidha jedhameera.

Cinaattis kutaa balaa tasaa, Kutaa odeeffannoo, Laabiratorii, galmawaan walga'iifi kanneen biroo kan of keessaa qabudha.

Jiddugallichi hojii dhibee to’achuufi ittisuu ardii Afrikaa sirna fayyaa amansiisaa walitti fufaa ta’e diriirsuuf hojjetamu kan deeggaru ta’a jedhameera.

Hojiilee ijaarsa giddugalichaa hafan saffisaan xumuruuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Jiddugalli to’annoofi ittisaa dhibee Afrikaa kan ijaarame waada Pireezedaantiin Chaayinaa duraanii Zhii Jinping akka lakkoofsa Faranjoota 2018’tti galaniin ta’unis eeramera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015