Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa gitasaa Moorookoo Waliin tapha ittiin of madaaluu kan lammaffaa har’a nitaasisa

206

Amajjii 01/2015(TOI)-  Qohii duraa saampiyoonaa kubbaa miilaa Afriikaatiin (Chaan) gareen biyyaalessaa Moorookootti argamu gitasaa Moorookoo waliin tapha ittiin ofmadaalu lammaffaa galgala har’aa sa’aatii 12tti nitaasisa.

Waaliyoonni qophiin dorgommii Chaaniif taasisaa jiran guyyaa jaaha guuteera.

Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa taphasaa ittiin ofmadaalu kan lammataa akkaadaamii Kaazaabilaankaa Mahaammad 6ffaatti har’a gitasaa Moorookoo waliin galgala sa’aatii 12tti nitaasisa.

Tapha jalqabaa gareen biyyaalessaa kunneen dheengadda taasisaniin Moorookoon goolii 1 fi 0n mo’uunshee niyaadatama.

Taphattoonni liigii biyya keessaatti argaman qofti kan itti hirmaatan dorgommiin kubbaa miilaa Chaan 7ffaan qopheessummaa Aljeeriyaatiin Amajjii 5 amma 27 bara 2015tti ni’adeemsifama.

Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa dorgommii Chaan Kanaan ramaddii tokko Aljeeriyaa akkasumas moozaambiikii fi Liibiyaa ramadameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015