Koollejjiin ijaarsaafi Indastiraalii Leemoo Geentoo birrii miliyoona 66 oliin ijaarsame eebbifame.

84

Aamajji, 1/2015(TOI) - Godina Oomoo Kibbaa Aanaa Maaleetti birrii miliyoona 66 oliin kan ijaarama ture Koolleejjiin Ijaarsaafi Indastiraalii Leemoo Geentoo Iijaarsi isaa xumuramee eebbifame.

Ijaaramuun kolleejjii kanaas gaaffii uummata naannawichaa kan yeroo dheeraa kan deebisedha jedhameera.

Itti gaafatamaan qajeelchaa barnoota, tekinikaafi ogummaa godina Oomoo Kibbaa obbo Omoo Shulii sirna eebaa Koollejjicharratti akka himanitti Koolleejjiiin ijaarsaafi Indastiraalii Leemoo Geentoo ijaaruuf baasiin birrii miliyoona 66.9 baasii ta'eera.

Ijaarsi koolleejjichaa Waxabajjii bara 2009 kan jalqabamee yoo ta'u sababa adda addaan ijaarsi isaa duubatti hirkifachuun hawaasa biratti komii ta'ee turuu himaniiru.

Bulchiinsi godinicha komii hawaasaa kana hubachuun waliigaltee dhaabbata ijaarsaa duraan koollejjicha ijaaruuf fudhate waliin jiru diiguun Eebilaa 2014 dhaabbata biraa waliin walii galtee raachuu himaniiru.

Xiyyeeffannoo ijaarsa koollejjichaaf laatameen waggaa tokko osoo hin guutiin ijaarsa isaa xumuuruun danda'amuus himaniiru.Kolleejjiin kun har'a eebbifamee tajaajilaaf qaqqabuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015