Dooniin Garagalee Lubbuun Baqattoota 65 Darbe

53

Caamsaa 3/2011 Baqattoota qarqara galaana Tuuniiziyaa Meediitiraaniyaarra deemaa turan keessaa garagaluu dooniitiin namoonni 65 du'uusaanii ejensiin baqattootaa mootummoota gamtoomanii beeksise.

Ejensichi namoonni 16 balaa kanarraa akka hafan ibseera.

Kanneen balaa kanarraa hafanii ijaan argan akka jedhanitti, sababa bubbee hamaa naannawa kanatti ka'een balaan kun mudachuu danda'eera.

Ejensichi ibsa baaseen naannawi kun yeroo baay'eef iddoo balaan itti mudatu akka ta'ee fi irra caalaa baqattoonni karaa seeraan alaa deeman karaa ittiin darban akka ta'edha kan eere.

Baatiiwwan 4 darban qofa imala seeraan alaa galaanarraa Liibiyaarraa gara Awurooppaatti taasifameen namoonni 164 du'uusaaniiti kan ibsame.

Akka lakkoofsa warra Awurooppaa bara 2018tti baqattoota Meediitiraaniyaa qaxxaamuruuf yaalan keessaa jiddu galeessaan guya-guyyaatti jaa'a akka du'an ejensichi beeksisuusaa 'BBC' weebsaayitiisaarratti gabaaseera.

Kanneen doonii kana Yaabbatan baqattoota Afriikaa Sahaaraa gaditti jiraatan akka ta'an ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015