Obbo Isaayyaas Jiraa Pirezidaantii Itti aanaa Seekaafaa ta’uun irra deebiin filataman

115

Mudde 28/2015 (TOI)-Pirezidaantiin federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa obbo Isaayyaas Jiraa itti aanaa pirezidaantii waldaa kubbaa miilaa Afriikaa bahaa fi jiddugaleessaa(seekaafaa) ta’uun irra deebiin filataman.

Yaa’iin waliigalaa filannoon seekaafaa gaggeessitoonni federeeshinii kubbaa miilaa biyyootnni miseensaa bakka argamanitti Zaanzibaaritti har’a adeemsifameera.

Pirezidaantiin federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa Isaayyaas Jiraa waggoota afran dhufaniif itti aanaa pirezidaantii seekaafaa ta’uun akka tajaajilan filatamuusaanii federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Obbo Isaayyaas Akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2018 irraa kaasee itti aanaa pirezidaantii seekaafaa ta’uun gaggeessuurratti argamu.

Filannoo yaa’ii kanarratti taasifame kan biraatiin pirezidaantiin federeeshinii kubbaa miilaa Taanzaaniyaa Waalaas Kaariyaa pirezidaantii ta’uun irra deebiin filatamuusaanii federeeshinichi himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015