Hojiin pirojektootaa rakkoo dhiheessii bishaan dhugaatii magaalaa Shaashamannee hiikan hojii eegalan

190

Mudde 26/2015(TOI)- Pirojektoonni rakkoolee dhiheessii bishaan dhugaatii qulqulluu magaalaa Shaashamannee hir’isuu dandeessisan hojii jalqabuusaanii dhaabbanni bishaanii fi dhangala’aa magaalattii ibse.

Hojii gaggeessaan olaanaa dhaabbatichaa Injiinar Damisee Nyooree akka beeksisanitti, rakkoo waggaa dheeraa dhiheessii bishaan dhugaatii qulqulluu magaalattii waggoota dheeraa ta’ee ture hiikuuf hirmaannaa ummataa fi bajata mootummaan hojiiwwan hojjetamuu dubbataniiru.

Pirojektoonni birrii miiliyoona 60n hojjetaman tajaajila kennuu akka jalqaban ibsanii, kana keessaa birrii miiliyoona 48 kan ta’u ummatarraa kan sassaabame ta’uu ibsaniiru.

Haala Kanaan pirojektoonni haaraan 10 kunneen guyyaatti bishaan meetiriik kuubii kuma 21 kennaa jiru jedhaniiru.

Dhiheessii bishaan dhugaatii qulqulluu caalaatti qaqqabaa taasisuuf baasii birrii miiliyoona 82n pirojektoonni bishaan dhugaatii ijaaruuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hojii kanaaf ummatarraa birrii miiliyoona 60 sassaabuuf karoorfamee amma ammaatti birrii miiliyoona 9 sassaabuun akka danda’ame ibsaniiru.

Kana keessaa hujummoowwanii fi meeshaalee hojii suphaa pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluuf oolan akkasumas pirojektoota haaraa hojjetamaniif kan oolu bulchiinsi magaalaa baasii birrii miiliyoona 50 bittaan raawwachuu dubbataniiru.

Jiraattonnis rakkoon bishaan dhugaatii qulqulluu akka hiikameef dubbataniiru.

Magaalichatti jiraattuun ganda 04 adde Alamtsahaayi Alamuu, Kanaan dura bishaan lagaa waraabamu abbaa jarikaanii 25 birrii 20n bitanii fayyadamaa akka turan yaadatu.

Rakkoon bishaan dhugaatii baasii hin malleef saaxiluun alatti bishaan qulqullina hin qabne dhuguun dhukkuboota addaddaaf saaxilamaa akka turan dubbatu.

Bishaan qulqulluun Kanaan dura torbanitti al tokko qofa argatan yeroo ammaa guyyaa hunda bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatan himaniiru.

Obbo Kadir Gammadaa gamasaaniitiin, rakkoon bishaan dhugaatii qulqulluu magaalattii ture magaalichaa jireenya isaaniirratti  irratti dhiibbaa fidee akka ture ibsaniiru.

Jiraattuun magaalichaa ganda 02 adde Fiixumaa Alii yeroo ammaa osoo addaan hin citiin guyyaa guutuu bishaan argachaa akka jiran himaniiru.

Ijaarsa pirojektii bishaan dhugaatiif Kanaan dura deeggarsa taasisaa kan turan adde Fiixumaan, ammas deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015