Qabeenya karaa malaammaltummaa agrame birrii miiliyoona 346 deebisiisuun danda’ameera-ministeera haqaa - ENA Afaan Oromoo
Qabeenya karaa malaammaltummaa agrame birrii miiliyoona 346 deebisiisuun danda’ameera-ministeera haqaa
Mudde 26/2015 (TOI) Waggoota 4 darban qabeenya karaa yakkaa malaammaltummaan argame birrii miiliyoona 346 ol deebisiisuun akka danda’ame ministeerri haqaa ibse.
Guyyaa xumura ayyaana farra malaammaltummaa ilaalchisuun ministeerichi qooda fudhattoota waliin marii wayita taasisettidha kana kan ibse.
Wayita kanatti malaammaltummaa ittisuu ilaalchisee waggoota 4 darban hojiilee hjjetamanii fi rakkoolee mudatan ilaalchisuun ibsi kennameera.
Ibsa kanas ministeerichatti daarektarri itti aanaa dhimmoota yakkaa Zalaalam Fiqaaduu kan kennan yoo ta’u ministeerichi seerota yakka malaammaltummaa kabachiisuun dhaabbata ergama faayidaa ummataa eegsisudha jedhaniiru.
Ergama kana gama bahuutiin waggoota afran darban hojiileen seera kabachiisuu hedduun hojjetamaa turuu yaadatanii, lakkoofsi galmee qorannoo abbaan alangaa deeggarsa kennu dabalaa dhufuu ibsaniiru.
Haala Kanaan hojii seera kabachiisuuf hojjetameen waggoota 4 darban qabeenya karaa yakka malaammaltummaa argame birrii miiliyoona 346 deebisiisuun danda’amuu ibsaniiru.
Hojii seera kabachiisuu cimsanii itti fufuun qabeenya karaa yakka malaammaltummaa argame deebisiisuun akka itti fufu dubbataniiru.