Paartiin Haqaa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaa hoggansasaa filate - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Haqaa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaa hoggansasaa filate

Finfinnee Caamsaa 2/2011 Paartiin Haqaa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaa hoggansasaa filate.
Paartin haaraan hundaa'e kun kaleessaa eegalee yaa'ii hundeeffamasaa gaggeessaa turuun ni yaadatama.
Paartichi paartilee of maqsan 7rraa kaleessa kan hundaa'e dha.
Paartileen of maqsanis Paartii Demokraasummaa Ityoophiyaa, Paartii Demokraasummaa Guutuu Itiyoophiyaa, Arbanyooch Ginboot 7, Paartii Cuquliisaa, Paartii Dhaloota Haaraa, Sochii Naannoo Gaambeellaa fi Paartii Tokkummaan Haqaa fi Demokraasiti.
Paartichi kaleessa moggaasa haaradhaan kan hundaa'e yammuu ta'u, hari'a immoo hooggansa haaraa filateera.
Proofeesar Birihaanuu Naggaa sagalee 912 hogganaa, obbo Andu'aalam Arraaggee ammoo itti aanaa hogganaa paartichaa ta'uudhan filatamaniiru.
Obbo Yashiwaas Asaffaa sagalee 722 dura taa'aa, Dooktar Caannee Kabbadaan ammoo itti aanaa dura taa'aa ta'uudhan filatamaniiru.