Hawaasni yeroo ayyaana Qillee kabaju balaan ibiddaa akka hin mudannee ofeeggannoo gahaa gochuu qaba

Mudde, 26/2015(TOI) - Hawaasni yeroo ayyaana Qillee kabaju waantoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'anirra ofeeggannoo cimaa akka taasisuu qabu Komishiniin hoggansa sodaa balaafi ibiddaa hubachiise.

Ayyaanni hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti bali'inaan kabajamu ayyaanni Qillee sanbata dhufu mudde 29/2015 kabajama.

Kanaaf hawaasni yeroo ayyaana kana kabaju balaan ibiddaa fi kanneen biroo akka hin umamne waantoota balaa uumuu danda'anirra ofeeggannoo cimaa akka taasisuu Komishiinichi beeksiseera.

Komishinichatti daarekatarri qunnamtii hawaasaa Gululaat Geetinnat yeroo ayyaanni kun kabajamu waantoonni balaa adda addaa uumuu danda'an waan jiraniif ofeeggannoo taasisuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Hojii ariitiin hojjechuuf jechaa sarara humna ibsaa tokkotti fayyadamuun tajaajila adda addaaf yeroo itti fayyadamnu balaa uumuu danda'a waan ta'eef ofeeggannoon barbaachisadha jedhaniiru.

Yeroo nyaata bilcheesaniifi waantoota biroo hojjetan waantoota ibidda ariitiin qabsiisaan ofirraa fageessuun barbaachisaa ta'uus himaniiru.

Shaamaa ibsataniifi waantoota biroos qabsiisaanii biraa deemuun balaa ibiddaa uumuu waan danda'uuf ofeeggannoon itti fayyadamuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Yeroo ayyaana kana kabajan yoo balaan umamee aritiin to'achuuf dhaabbilee adda addaa waliin qindoominaan hojjechuuf sirni dandeesisu diriirfamuu himaniiru.

Haaluma kanaan abbaa taayitaa bishaaniifi dhangala'oo akkasuma Tajaajila Humna ibsaa waliin qindaa'uun balaa mudatuu ariitiin dhabamsiisuuf qophiin taasifameera jedhaniiru.

Hawaasni yoo balaan tasaa mudate bilbila bilisaa 939, bilbila sarara 011 155 53 00 ykn በ 011 156 86 01 bilbiluun beeksisu ni danda'a jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015