Godinichatti Sululoota 483 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetamaa jira

391

Mudde 24/2015(TOI)  Bara kana godina Wallagga lixaa sululoota 483 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetamaa akka jiru waajjirri qonnaa fi eegumsa naannoo godinichaa ibse.

Waajjirichatti dursaan garee ekisteenshinii qonnaa ob. Waaqshuum Abdiisaa akka dubbatanitti, hojiin misooma sululaa kun Mudde 20 bara 2015 irraa kaasee hojjetamaa jira.

Haala Kanaan godinichatti sululoota 483 ka’umsa godhachuun hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii kan adeemsifaman yoo ta’u, namoonni kuma 194 irratti ni hirmaatu jedhaniiru.

Hojiin kun hojii  hojii hidha biyyoo fi haroowwan  xiqqaa dabalatee bifa addaddaan hojjetamaa kan jiruu fi lafa sababoota addaddaan oomisha kennuu dhaabe dabalatee tuttuqaarraa bilisa akka ta’an hojiin adda ba asuu hojjetamuusaa ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni godinichaa hojii misooma sululaa kanarratti hirmaachaa jiran gamasaaniin, hojii eegumsa qabeenya uumamaa waggoota darban hojjetamen jijjiiramoonni argaman kan abdii namaa kennnan ta’uu dubbataniiru.

Qonnaan bulaa Moosisaa Lammii akka jedhanitti hojiiwwan eegumsa qabeenya uumamaa waggoota muraasa darban hojjetamaniin naannawi isaanii gara magariisaatti jijjiiramaa akka jiru dubbataniiru.

Haroowwan jiddugaleessaa qotamaniin bishaan argachaa akka jiranii fi lafti qullaatti hafe bayyanachaa akka jiru eeraniiru.

Qonnaan bulaa Baalchaa Garramuu Kanaan dura lafti qonnaa isaanii lolaan miidhamee oomisha kennuu akka dhaabe yaadatanii, hojii hidha biyyoo wayitii bonaa walitti aansuun hojjetameen deebi’ee oomisha kennuu eegaluu ibsaniiru.

Hojiin misooma sululaa amma qofaaf osoo hinta’iin, dhaloota dhufuuf barbaachisaa waan ta’eef dammaqinaan akka hirmaatan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015