Jijjiirama akka biyyaatti eegalame fiixaan baasuu keessatti gaheen hayyootaa ol'aanaa ta'uun himame - ENA Afaan Oromoo
Jijjiirama akka biyyaatti eegalame fiixaan baasuu keessatti gaheen hayyootaa ol'aanaa ta'uun himame
Mariin hayyootaa mataduree "gahee hayyootaa ijaarsa biyyaa keessatti" jedhuun Yunivarsitii Madda Walaabuutti gaggeeffamaa jira.
Maricharratti kan argaman walitti qabaan boordii Yunivarsitii Madda Walaabuufi Ministirri Ministeera Innooveeshiniifi Teknoolojii Doktar Ballaxaa Mollaa akka jedhanitti jijjiirama akka biyyaatti eegalame fiixaan baasuu keessatti gaheen hayyootaa ol'aanaa ta'uu himan.
Hayyoonni dhaabbilee barnoota ol'aanoo qorannoofi qo'annoo gaggeessaniin ijaarsa biyyaatiif gaheesaanii bahachuu akka qaban gaafataniiru.
Doktar Ballaxaan akka jedhanitti, hayyoonni adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti ashaaraasaanii akka kaayaniif waltajjichi carraa bal'aa kan uumu ta'uus dubbataniiru.
Hayyoonni ijaarsaafi dhimmoota ijoo biyyaarratti waliigalteen biyyoolessaa akka uumamuuf shoora ol'aanaa qaban kan jedhanimmoo waajjira paartii badhaadhinaa Oromiyaatti ittigaafatamaan damee siyaasaa Dooktar Biqilaa Hurrisaati.
Hayyoonnis ittigaafatamummaasaanii kana beekuun yeroo kamiyyuu olitti gara kuteenyaan biyya sadarkaa ol'aanaatti ceesisuu keessatti gahee isaanirraa eegamu bahachuu akka qabanis gaafataniiru.
Prezidaantiin Yunivarsitii Madda Walaabuu gamasaaniitiin hayyoonni yunivarsitichaa marii adeemsa ijaarsa biyyaatiif galtee sassaabachuudhaaf kaayyeeffatee qophaa'e kana milkeessuuf shoorasaanii bahuu akka qaban dhaamaniiru.
Hayyoonni maricharratti hirmaatan yaada kennaniin, marichi dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaa akka hubataniifi ittigaafatamummaasaanii akka bahataniif kan isaan qopheessu ta'uu dubbataniiru.
Mariin hayyootaafi hoggantoota yunivarsitichaa hirmaachise kunis guyyoota lamaan walitti aananiif kan gaggeeffamu ta'uus saganticharratti ibsameera