Hayyoonni humna namaa oomishuun cinaatti humna dippilomaasii taasisuun itti fayyadamuurratti hoggansi Yuunivarsiitoota hojjechuu qabu

99

Mudde, 24/2015(TOI) - Hayyoonni humna namaa oomishuun cinaatti humna dippilomaasii taasisuun itti fayyadamuurratti hoggansi Yuunivarsiitoota hojjechuu qabu.

''Ijaarsa biyyaaf gahee hayyootaa" mata duree jedhuun guyyoota lamaaf mariin miseensoota Kawunsilii Yuunivarsiitii Waraabee har'a xumurameera.

Deetaan ministira Raayyaa Ittisa Biyyaafi walitti qabaan boordii hoggansa Yuunivarsiitii Waraabee doktar Ahimaddiin Mahaammad xumura marii kanarratti akka himanitti hoggansi Yuunivarsiitii hoyyoonni humna nama baratee oomishuun cinaatti akka humna dippilomaasiitti itti fayyadamuu qabu jedhaniiru.

Waltajjii marii kanarratti kan argaman bulchaan godina Silxeefi miseensi boordii hoggansa Yuunivarsiiticha obbo Alii Kadir gama isaaniin nageenya waaraa uumuufi marii biyyaaleessa deeggaru keessatti keessatti hirmaannaan hayyoota qorannoofi balbaloomsuun cimee itti fufuu qaba jedhan.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Waraabee doktar Toofiq Jamaal qorannoowwan damee hawaasummarratti hojjetaman rakkoon hawaasa keessa jiran akka furamaniifi madda odeeffannoo akka ta'aniif gahee isaanii bahuu qabu jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015