Balaan ibiddaa gabaa Shoolaatti mudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 50 olii manca’e

Mudde 24/2015(TOI)- Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 5 Gabaa Shoolaatti balaa ibiddaa mudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 50 olii manca’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaafi Ibiddaa magaalichaa beeksise.

Balaan ibiddaa kun kaleessa halkan saatii 10 irratti kan umame yoo ta'u suuqiiwwan 1600 gabaa sana keessa jiran keessaa 84 irratti miidhaa qaqqabsiisuu dursaan garee quunnamtii hawaasaa komishinichaa obbo Gululaat Geetaanee TOItti himaniiru.

Hirmaannaa hojjettoota komishinichaan qabanya birrii miliyoona 500tti shallagamu balaa irraa oolchuun danda'umuus himaniiru.Balaa umame kanaan lubbuu namarra balaan gahes akka hin jirre himaniiru.

“ Karri galma gabaa kanaa rakkisaa ta'uufi waantoonni suuqiwwaan kunneen irraa ijaaraman kanneen ibiddi dafee qabachuu danda'u ta'uurra kan ka'e bala kana to'achuuf yeroo dheeraa akka fudhatu taasiseera'' jedhaniiru.

Balicha to’achuuf konkolaattota ittisa balaa ibiddaa 12fi hojjettoonni yeroo balaa 95 bobbaafamuu eeruun, balicha guutumaan guutuutti to’achuuf sa’aatii 4:28 fudhachuu ibsaniiru.

Balaa ibiddaa kana to'achuuf Bishaan liitiraa kuma 122 hojiirra ooluus himaniiru.Sababan umamuu balaa ibiddaa kun maal akka ta'e qoratamaa jiraachuus himaniiru.

Dhaabbileefi namoonni dhuunfaan balaa ibiddaa ittisuuf tarkaanfii ofeeggannoo duraa baraman akka fudhatan hubachiisaniiru.

Hawaasni balaan ibiddaa yeroo umamu bilbila bilisa 939, sarara bilbila kallattii 011 155 53 00 ykn 01 11 56 86 01 bilbiluun akka beeksisu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015