Haaluma Mootummaan waadaa galeen Balalliin Daandii qilleensa Itoophiyaa har'a gara Maqaleetti eegalera.

117

Mudde, 19/2015(TOI) - Haaluma mootummaan waadaa galeen Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waggoota lamaan booda har’a balallii jalqabaa gara Maqaleetti irra deebiin eegaleera.

Haaluma kanaan har’a daandiin qilleensicha imaltoota gara Maqalee deeman buufata Xiyyaara Idil addunyaa Booleerraa fe’uun gara Maqaleetti imaleera.

Balalliin kun eegalamuunsaa mootummaan kutannoo waliigaltee nageenyaaf qabu kan mul’isudha jedhameera.

Imaaltoonni TOI duubisees daandiin qilleensichaa irra deebiin gara Maqaleetti balalii jalqabuu isaatti akka gammadan himaniiru. Kunis kutannoo mootummaan waliigalteen nageenyaa taasifame akka milkaa'u qabu kan agarsiisudha jedhaniiru.

Hoji geggeessaan olaanaa daandii qilleensa Itoophiyaa obbo Masfin Xaasoo ibsa kaleessa kennaniin daandiin qilleensicha balalii gara Maqaleetti jalqabuun isaa fayidaa hedduu kan qabu ta'uu himanii turan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015