Jilli hoggantoota mootummaa Federaalaa Af-yaa'ii Mana maree bakka bu'oota uummataa obbo Taggaasaa Caafoon durfamu Maqalee gale.

172

Mudde, 17/2015(TOI) - Jilli hoggantoota mootummaa Federaalaa Af-yaa'ii Mana maree bakka bu'oota uummataa obbo Taggaasaa Caafoon durfamu Maqalee gale.

Jilli kun gara Maqalee kan deemeef adeemsaa hojiirra oolmaa marii nageenyaa taasifame hubachuu fi dhimoota ijoo waliigaltichaan irratti walii galame haala karoorfameen akka raawwatamu gochuufi jedhameera.

Gareen jilichaa waggoota lamaan booda gara Maqaleetti kan imale garee jilaa qondaaltotaa olaanoo mootummaa federaalaa jalqabaa yoo ta’u, waliigaltechi adeemsa gaariirra jiraachuuf argisiistuu ta’uun eerameera.

Gareen jilichaa miseensota Koomishinii Marii Biyyaalessaas kan hammateedha.Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015